http://www.aigaforum.com/geez-index.php

Lammii Waaqee 04-04-18

Itiyoophiyyan waggootan lamaan darban keessa nageenyi ishee balaaf saaxilame jiraa. Nageenya  biyyatti kan balaaf saaxile, soochii balaaleeffannaa ummata, keessattuu naannoolee Oromiyaa fi Amaaraa keessa mudatee dhaa. Maddii bu’uura  soochii balaaleeffannaa ummataa rakkoo bulchinsa mootummaa ta’uun isaa nihubatamaa.

Rakkoon nageenya kanaa yaerroo irraa gara yaroottii haammaachaa ademee, sababa lubbuu dhabinsa lammiilee ta’e jiraa. Sochii dinagade fi haawaasummaa gufachisaa, wabii jireenya lammiilee soodaa irra busera. Qabeenya ummataa fi dhunfaa miliyoona ibbaan shalagamu barabadeessera. Rakkoo dhabiinsa nageenya kana sirna seera kabajsisaa idleetiin to’achuun waan hindandaahamneef al lama labsiin yeroo hatatamaa labsmeera. Amma biyyattiin labsii yeroo hatatamaa keessa argamti.

Rakkoon nageenya mudate kun, haammaachaa ademee biyyatti qarree kufaati irra geessiiseera. Haala kana lammiileen marti hubataniru. Haalli kun michuuwwan fi ollaawwan  biyyattiis yaddeesseera. Kana irraa ka’udhaan Ministeerri dhimma feedraalawaa fi misooma hore bulaan, koorpooreshninii broodkaastiing Itiyoophiyaa waliin tibbana Finffinnee keessa marii nageenya qopheessani turan. Marii nageenya kana iirratti hoogantoonni mootummaa, hoogantoonni paartii biiyya bulchaa jiru fi moorkkatoota, jaarsooleen biyyaa, abbootiin gadaa, ugaazoonni, abbootiin amntii, dargagoonni fi qaamoonni haawasaa biroo hirmaataniiru. Marii kana irratti waraqoonni qoorannoo sababa dhabiinsa nageenya biyyatti fi fuurmaata isaa irratti xiyyeefatan dhiyaatanii mariin gaggeefame jiraa. Yaadooleen nageenya biyyatti deebisuu dandahu jeedhamiis hirmaattootaan dhiyaataniru.  Yadoolee marii kana irratti dhiyaatan keessa muraasa isaanii barruu kanaan haa’illaallu.

Hirmaatoonni mariichaa heedduu, maddii dhabiinsa nageenya biyyatti dadhabbiina bulchiinsa mootummaa dhaa kan jeedhu irratti waligalaniru. Maddi rakkoo nageenya dadhabbiina mootummaa ta’u isaa mootummaani fi dhaabbanni biyyatti bulchaa jiruus kanaan dura fudhachuun isaa nibeekamaa. Rakkoon bu’uura gara mootummaa jiru, dhabiinsa miira tajaajiltummaa ummata dhaa. Hoggantoonni mootummaa sadarkaa feedraalwaa kaasee haamma naannooleetti, naannoolee irraa hanga gandatti mudaman heedduun, angoo isaanii ummata tajaajiluuf olchurra, jiruu dhunfaa isaanii tottoolchuuf olchaa turan.

Hoogantoonni mootummaa sadarakaa ta’itaa gara garaa irratti mudaman, abbootii qabeenya fi dallaaloota waliin hariiroo kiraa sassaabduummaa dirirsanii faayidaa seera ala ta’e argachaaf socho’aa turan. Harriiroon kiraa sassaabdummaa kun guddiina dinagade biyyatti, akkaataa tarkaanfachu qabuun akka hintarakkaanfanne gufachiseera. Sababa kiraa sassaabdummaan ijaarsi misooma bu’uuraalee fi haawaasa ummanni abdiin eegaa ture heedduun, dhadhaa ibiida irra bu’an ta’ani hafaniiru.

Haala kanaan hoogantoonni mootummaa, ‘abbootiin qabeenya’ fi dallaaloonni yammuu battalumatti durooman, lammiileen heedduu ammoo kan argachaa qabanillee dhabanii hiyyoomaaf saaxilamaniiru. Kiraa sassaabduummaan abbootiin qabeenya misoomsaa kakka’umsa invastimantii akka dhaban taassiise jiraa; hirmaannaa dargaggoonni soochi dinged biyyatti keessa qabaachu qaban danquu dhaan dhabinsi hojii akka babal’atu taassiiseera; dargaggoonni guddiina dinagade biyyattiin galmeesisaa jirtu irraa fayyadamaa akka hintaane godheera. Walumagalatti kiraasassabduummaan biyyatti keessa diriree qoqqooddiin qabeenya madaalawaa ta’e akka hinjiraanne tassiise ummata mufachise jiraa.

Midhaan kiraaa sassaabduummaan dhabiinsa miira tajaajiltummaa hoogantoota mootummaa irraa maddee dhabiinsa qoqqooddi qabeenya madaalawaa hintaane uumuun hindaangeefamne. Sababa dhabiinsa bulchinsa qajeelaas ta’eera. Sirna haqaas faalleesseera. Gudiina dimookraasii biyyattiis qoncoorseera.

Ummanni haala kanaan tajaajila fi faaydaa mootummaa irraa argachu qabu dhabe mootummaa mufateera. Mufatee hindhiisne; ballaaleeffannaa isaa addababayitti bahee dhageessiiseera. Dallanni ummataa midhaa kana irraa maddee, miira dargaggoota kakkaasee gara jeequumsatti jijjiiramera. Haalli kun diinoota biyyattiif qawaa bane nageenyi biyyatti akka amma mul’attuutti balaa yaaddeessaa irra akka bu’uu taassiiseera.

Hirmaatoonni mariichaa nageenya, haala sababa dhabiinsa nageenya biyyatti armaan olitti ibsameratti waligalani yaadoolee fuurmaata nita’u jeedhani abdatan laataniru. Yaadoole akka fuurmaatatti dhiyaatan keessa; dimookraasii biyyatti dagaagsu fi hiyyummaa qabatamaan hir’isu kan jeedhan ijoo dhaa.

Diimookraasiin dagaagaa, mootummaan ummata buurqaa fi abbaa angoo ta’eef itti gaafatamumma akka qabu nitaassiisaa. Kna malees, qaamoonni ummataa gara garaa waltajjii fedhii fi koomii isaanii ittiin dhageessiisan akka argatan taassiisaa.

Haalli deemookraatawaa ta’e, hooggantoonni mootummaa tajaajiltummaa ummtaa didu akka hindandeenye godhaa; ummanni rakkoo dhabiinsa tajaajiltummaa mootummaa irra jiru huubate, koomii isaa ifaa baasee warri angoo irra jiran akka gaafataman taassiisu dandahaa. Walumagalatti, haalli deemookraatawaa ummanni mootummaa isaa akka too’atu dandeessisu irra taree, waltajjii koomiiwwan ummataa ifaa itti bahan uumaa. Kun ammo, rakkooleen ukkaamamani bilchaatani tasa dhoohani jeequmsaan akka hinbaane garagaaraa. Akki kun nageenya mirkaneessaa. Kanaafu, nageenya biyyatti mirkaneessuuf deemookraasi dagaagsuun dirqama.

Nageenya biyyatti mirkaneessuuf akka fuurmaatatti kan dhiyaate kan biraa, hiyyuummaa salphisisu ykn ummata haala qabatamaan hiyyuummaa keessaa baasuu dhaa.

Mootummaan amma biyya bulchaa jiru, waggootan kurnan lamaa fi walakkaa duura biyya walitti bu’insaan dadhabde, sadarkaa dingdetiin booddeetti hafte fi toora guddiina aala taate fudhatuun isaa nibeekamaa. Hiyyuummaa bara baraaf biyyatti keessa diriiree fi yeroo irraa gara yerootti haammaachaa adeeme kana salphisisuuf imaamata dingde haala qabatamaa biyyatti irrati hundaayee hojii irra olchuun, keessttu waggootan kurnan tokko fi walakkaa darban keessa guddiina saffiisaa fi itti fufiinsa qabuu galmeessiisuun dandaahame jiraa.

Guddiinni dingade fi misoomni haawaa (tajaajila baruumsa fi fayyaa) kun lammiilee miliyoonaan lakkaahaman fayyadamaa taassiiseera. Qonnaan bultoonni fi sochoostoonni IMX heeddu waggootan muraasaa dura hiyyeesa turan qabeenya miliyoonaan shalagamu horuu dandaahaniru. Lammiileen miliyoonaan lakkahaman carraa hojii argataniru. Walumagalatti, hiyyuumaan biyyatii keesa ture walakkan hir’atera.

Full Website