Dr. Abiy maaliin haa deggerru?

Erga Muummeen Ministeera keenya haaraa Dr.Abiy muudamanii kaka’umsa guddaatu mul’achaa jira. Akkuma kanaan dura bal’inaan ibsamaa ture, namni filatame kun nama ulaagaa dhaabbatichi barbaadu guutu ta’uun isaa ammo abdii lammiilee biyya kanaa daran itti hore. Qopheen barnoota Dr.Abiy fi muuxannoon isaan bakka hojii gara garaatti argatan bakka kanaaf kan gitu ta’uun isaa akka isaan filatamaniif sababa guddaa ta’eera. Biyyi keenya kun rakkoolee wal-xaxoo hedduu dhaan sakaalamtee hanga har’aa turteetti. Rakkooleen kunneen rakkoolee jaarraa hedduu lakkoofsisanii dha. Sababnisaa biyyi keenya Itiyoophiyaan kanaan dura bulchiinsa sirna abbaa hirree jalatti kuftee erga turtee eegalee hanga yoonaatti lammilee kanatti wal- gegeeddaruun dararaa guddaa sabaa fi sab-lammilee biyya kanaa irraan ga’aa turaniiru. Waggoottan 27 asitti yaaliin biyyi keenya shaakala sirna bulchiinsa dimokiraasii erga jalqabdee wantootni hedduun sirrataniiru, sirrachaas jiru. Yeroo kana jennu garuu sirni bulchiinsa ADWUI guutummaan guutuutti lammilee biyya kanaaf kan mijateef haala gaarii irra jira jennee dubbachuuf nu hin dandeessisu. Ammas taanaan shaakalliiwwan kanaan dura turan guutummaan guutuutti waan hin dhabamsiifamneef, rakkoowwan gara garaa iddoowwan gara garaatti uumamuun isaanii kanaaf sababa ta’a. Biyyi keenya Itiyoophiyaan yeroo gara garaatti geggeessitoota ishee geggeessan gara garaa muuddee muuxannoo gara garaa argattee jirti.  Kanneen  biyya kanaaf waangaarii hojjetanis akkuma jiran, akkaataa fedhii sabaa fi sab-lammoota biyya kanaa giddu galeessa hin godhanneen kan biyya kana geggeessaa turanis ni jiru. Ga’ee hunda keenyaa yeroon jedhu, biyya tokko geggeessaarratti gatanii, isuma qofatu biyya kana naaf jijjiira jedhanii yaaduun yeroo ammaa kanatti bu’a qabeessummaan isaa baay’ee gadi-aanaa dha. Erga Kabajamoo Muummeen Ministeera Itiyoophiyaa haaraa filatamaniii as miidiyaalee hawaasaa gara garaa irratti waan baay’een argaa fi dhaga’aa jira. Kunis amantaa nuti nama amma filatame kanarraa qabnu irraa ka’ee fedhii nuti jijjiiramaaf qabnu irraa ka’ee yaadawwan maddan jedheen amana. Amantaa nama kana irratti gatuun faayidaan inni qabu lakkoofsa hin qabu. Yoo nama bakka nu bu’ee biyya kana geggeessutti amanne, mataa keenyaaf ofitti amanummaa qabaanna. Ofii keenya irratti amanamummaa yoo qabaanne ammoo jijjiiramaaf qaama biraa kan eeggannu osoo hin taane, kaka’umsa mataa keenyaan madda furmaata rakkoo taana. Kun ijaarsa biyya tokkoo keessatti ga’ee ol’aanaa qaba. Akkuman armaan dura ibsuuf yaale, rakkoon biyya kanaa rakkoo hidda gadi-fagoo ta’e qabuuf umrii dheeraa qabuu dha. Rakkooleen kunneen kan yeroo gabaabaa har’a nuyi teenyee yaadnu keessatti hin hiikamnee dha. Hammina cancala hedduu qabutu biyya kana keessa ture. Cancala tokko cicciruuf ammo tooftaa nama barbaabaachisa, nama kee si barbaachisa. Namakee horachuun ammoo yeroo si gaafata. Nama kee yeroon jedhu nama lammiikee qofa ta’e osoo hin taane, nama dhugaa dhaan biyya kana tajaajiluuf fedhii dhuunfaa isaa hind ursine ta’uu qaba. Kunimmoo hojii turban tokko keessatti xumuramu miti. Qorannoo gaafata, kutannoo barbaachisa. Qabsaa’aa dhugaa saba isaaf dhimmu oomishuun yeroo gaafata. Kanarraa kana hafe guyyaa muudama isaa irraa kaafnee mudaa lakkaa’uun, boo’icha duraan amala nuuf ta’e sana miilla waliin marannee teenyee boo’uun bu’aa tokkollee hin buusu, daran rakkoo cimsuun san duraa caalaa balaaf nu saaxila malee. Keessumaa aktivistootni biyya keessaa fi biyya alaa jiran sadarkaa biyyi keenya Itiyophiyaan irra jirtu beekuun barbaachisaa dha. Biyya kana keessatti yeroo tokko tokko waan gaarii tu waan badaa caalee argama, yeroo tokko tokko ammo waan badaatu waan gaarii caalee argamuu mala.
Full Website