Haalotni Fooyya’aa jiru!

Hiikaa Margaatiin  04-16-18

Biyyi keenya waggoottan lamaan darban kana keessa rakkoo nageenyaaf saaxilamtee turte. Waa’een nageenya biyya keenyaa ajandaa Addunyaa ta’ee ture. Dubbiin nagaa dhabuu Itiyoophiyaa sababawaan garagaraaf ajandaa guddaa ta’uu danda’a. Inni jalqabaa, biyyi keenya kun sabaafi sab-lammoota 80 ol kan of keessaa qabdu waan ta’eef al-tokko sababa nageenya dhabuutiin karaa irraa ceenaan balaaf guddaaf waan saaxilamtuuf, rakkoleen ka’anii turan yaaddoo cimaa ta’ee ture. Iddoowwan gara garaatti hojiiwwan mana mootummaas ta’e kan dhuunfaa haala duraan ittiin adeemsifamaa ture hafee abbaan barbaade akka barbaadetti hojjechaa kan tureedha. Manneen barnootaas akka kanaan duraa haala tasgabbaa’aadhaan haala baruuf barsiisuu itti fufsiisuu irra miira sodaatiin torban tokkoof yoo baname, torban lamaa fi isaa oliif ammoo cufaa ture. Yaaddoon inni kan biraan ammoo biyyi Itiyoophiyaa kun yeroo amma kanatti giddu gala invastmentii fi hawwata Invastimentiitiin ardii Afriikaa keessaa biyyoota sadarkaa duraa irra jiran keessa waan jirtuuf, lammileen biyya gara garaa hojii invastmentitiif biyya kana keessa jiraatan haalli nageenya biyya kanaa waan isaan waan yaaddesseef gama kanaan dhimmi keenya ajandaa addunyaa akka ta’uu danda’eera. Dhiyee bariinaan Miidiyaaleen gara garaa yeroo ilaalamu dhimmi waa’ee nageenya Itiyoophiyaa yemmuu ta’u, asitti, achitti sababa jeequmsa ka’een qabeenyi barbadaa’e, lubbuu nama darbe kan jedhan jechoota idilee ta’anii turan. Haa ta’uyyuu malee, “gaafa bari’uuf jedhu dukkanni ni hammaata akkama jedhamu” haalli yeroowwan darban keessa dhaga’aa turre torban lamaa asitti baay’ee foyya’ee jira. Yeroo ammaa kanatti ammoo ajandaan jiru, waa’ee nageenya dhabuu fi rakkoo sababa nageenyaan dhufe odeessuu osoo hin taane, jijjiirama jiru wal-gaafachuu dha. Akkamiin nageenya amma arganne kana itti fufsiisuu dandeenya? Gaaffiin jedhu hedduminaan ka’aa jira. Egaa jijjiiramni jiraachuun isaa akkuma argaa jirutti ta’ee, jijjiirama amma argaa jirru kana keessattimmoo mootummaan biyya geggeessaa jirus ta’e lammileen biyya kanaa hedduu galateeffatamuu qabu. Nageenya amma argamaa jiruuf ga’een mootummaa maal ture jettanii na gaafachuu dandeessu.Dubbii soba hin qabne dubbachuuf ga’een mootummaan biyya geggeessaa jiruufi paartileen biyyoolessaa taphatan waan salphaatti jechoota lama sadiin ibsinee fixuu hin dandeenyu. Sababnisaa, wayita rakkoon nageenyaa sababawwan gara garaaf bakkeewwan gara garaatti biyya kana mudatee turetti bifa tasgabbaa’aa ta’een , paartilee biyyoolessaa wajjin mari’achuu dhaan bu’aawwan amma argamaa jiru kun akka dhufu taasifamee jira. Walitti dhufanii mari’achuun rakkoowwan nu mudatan kanaaf akkamiin furmaata kennuu dandeenya jechuun maree gadi fagoo gochuu dhaan akkaataa barbaachisummaa isaatti yaadawwan furmaataa fudhatanii ba’uun isaanii bu’aa har’a argameef ga’ee guddaa kan taphate mootummaa amma biyya bulchaa jiruu dha. Bu’aawwan mareewwan darban sanaas akkaatuma waadaa galameen raawwachuu eegaluun isaa akka biyyi kun tasgabbooftuuf ga’een isaa ol’aanaa dha. Hidhamtootni dhimmi siyaasaan wal-qabatee hidhamamanii murtoo argatanii turaniif beellama irra turan manneen adabaa gara garaa keessaa dhiifamaan geggeeffamuun isaanii hagam nagaan akka bu’uuf ga’ee guddaa taphateera. Bu’aan inni biraan ammoo qaamuma mootummaa , geggeessitoota ol’aanoo dabalatee rakkoowwan biyya keessatti mudateef qaama furmaataa of-gochuun itti gaafatamummaa irraa kanneen of-geggeessanis jiru. Kunis carraa amma argameef daandii guddaa baneera jedheen yaada. Inni biraan ammoo nageenya biyya kanaa mirkaneessuuf ga’een lammileen biyya kanaa ba’an daran ol’aanaa dha. Rakkoon kamiyyuu haa mudatu malee, miira keessa galuun rakkoon akka babal’atu osoo hin goone, rakkoon amma nu mudate kan yerooti jechuun obsaan karaa nagaan itti dhufu qofaaf haala mijeessuu keessatti ga’een uummataa salphaa dha hin jedhamu. Sanas ta’e kanas haalli amma jiru yeroowwan duraan wajjin yeroo madaalamu baay’ee fooyya’aa dha. Nageenyi baay’ee mirkanaa’aa jira. Lammileen hundinuu yeroo ammaa kana tasgabbaa’anii jiruu isaanii hojjechaa jiru.Manneen barnootaas miira adda ta’een baruu fi barsiisuu adeemsisaa jiru.
Full Website