Itiyoophiyaan jette jettee dhaan hin geggeeffamtu !

Hiikaa Margaa tiin 04-12-18

Biyya Itiyoophiyaa kana akkaataa isheen itti as geesse seenaan waan baay’ee dubbata. Lubbuu baay’eetu itti dhabame, dhiigatu itti dhangala’e, lafee lammilee isheetu itti cabe akkasumas qaama hedduutu itti hir’atee as ga’e.

Sabaa fi sab-lammootni biyya kanaas wanti isaan dursa kennaafii turan birmadummaa biyya kanaa malee faayidaa dhuunfaa isaaniif biyya isaanii ormaaf dabarsanii kennanii hin beekan. Yeroo bara koloneeffatootni biyya Afrikaa kana akka fedha isaaniitti bitaa turan Itiyoophiyaan garuu, du’een bada malee birmadummaa koo dabarsee hin kennu jette.

Seenaan bara koloneeffannaa sana  hojjetame, hanga har’aatti birmadummaan biyya kanaa kabajamee akka hafu kan godheef Addunyaa irrattillee kabaja addaa akkasheen argattu kan taasisaa jiruu dha.

Hubadhaa bara sanas walitti bu’iinsi keessoo hin jiru jechuu koo miti. Yeroo sanatti hagam cunqursaan Minilik Lammilee biyya kanaarra haa jiraatuyyuu malee, humnaan daangaa bittaa babal’ifannaan Minilik daran haa jabaatus bara Mootummaan Faashistii Xaaliyaanii Itiyoophiyaa koloneeffachuuf dhufetti sabni biyya kanaa aarii keessoo isaa qabu akkuma qabutti qabatee, diina isa wareeruu dhufe ofirraa qolachuuf osoo sabaan wal-hin qoodin dirree waraana ADWA irraatti wal-ga’ee diina alaa itti dhufu ofirraa qolachuu danda’amiiti biyya har’a nuti boonyuuf kana asiin nuuf ga’an.

Bara Mootummaa Minilikitti Uummatni Oromoo sababa daangaa bittaa Minilikiif  hedduu akka miidhamaa ture afoolli hedduun jiraachuu mala. Garuummoo yeroo Mootummaan Xaaliyaanii nu koloneeffachuuf dhufetti kan Uuummata Oromoo dursee Xaaliyaanii waraanuuf ka’e hin turre. Sabanisaa “waraabessi ati hin beekne si nyaachuurra, waraabessi ati beektu si nyaachuu wayya” waan jedhamutu jira.

Amma garuu haala nama gaddisiisuuf Addunyaa irratti saalfachiisaa ta’een lammileedhumti Itiyoophiyaa muraasni biyya ambaa jiraatan seenaa biyyi kun ittiin as geesse dagachuun faayidaa dhuunfaa isaanii fi beekamtii isaanii biyya kana dursuun yeroo itti isaan seenaa bareedaa biyya keenyaa cilee dibaa jirantu jira.

Diyaaspooraan biyyoota gara garaa jiraatan yeroo ammaa kanatti araada jette jettee tiin waan qabaman natti fakkaata malee nagaa dhaaf namni biyya isaa maqaa xureessuu dhaaf halkaniif guyyaa hin dhama’u ture. Yoo danda’ame kan dhugaatti biyyaaf qabsaa’an yoo ta’e, as biyyuma keessa taa’uun hanga wareegama lubbuuttillee qabsaa’uu danda’uutu irra jiraata. Qabsoon akkasii bara mootummoota abbaa hirreettiyyuu tureera.

Gidduu kanammoo yaada H.RES 128 jedhuun Uummata biyya keenyaaf ajandaa haaraa uumanii ittiin nu burjaajessuuf, hamilee keenya cabsuuf wanti biyya alaa keessumaa mankaraaressitoota biyya Amerikaa jiraataniin wanti hin godhamne hin jiru.

Mankaraaressitootni kunneen akka jedhanitti Mootummaan biyya Itiyoophiyaa mirga lammilee biyya Sanaa irratti dhiibbaa geessisaa waan jiruuf qoqqobbii cimaan biyyarras ta’e geggeessitoota irra haa kaa’amu waan jedhuu dha. Kanaaf ammoo kongireesiin biyyaalessa Amerikaa irratti walii galuun biyya Itiyoophiyaa akka fedhii isaaniitti seenuun badii dhiibbaa mirga dhala namaa irra ga’aa jiru kanneen akka ajjeefamuu, hidhamuu fi mirga yaada ofii ibsachuu dhabuu lammileerra ga’e qaama walaba ta’een qoratee seeraaf akka dhiyeessuu dha.

Kongirensiin biyyaalessa Amerikaas booyichaa fi jette jetteen Mankaraaressitoota kanaa fudhachuun murtoo H.RES 128 jedhu biyya Itiyoophiyaa irratti dabarsee jira.

Akka yaada kiyyaatti murtoon akkasii kun yeroo isaa kan hin eegganne,  fedhii lammilee biyya keessaa fi walitti dhufeenya Itiyoophiyaan biyya Amerikaa wajjin qabaachaa jirtuu fi turte giddu galeessa kan hin godhannee dha.

Videos From Around The World

San dura ilaalamuun kan irra ture, Mootummaan Itiyoophiyaa yeroo ammaa kan maal gochaa jira gaaffiin jedhamu ka’uutu irra ture. Rakkoowwan akka biyyaalessaatti nu mudatan guutummaatti furuu dhaaf, Mootummaan yeroo itti hidhamtoota hiikaa jirutti, miidiyaa walabaa babal’isuuf yeroo itti ifaajaa jirutti, kanneen dhiibbaa mirga dhala namaa keessatti hirmaatan yeroo itti seeratti dhiyeessuuf waadaan galamaa jirutti murtoo akkasii dabarsuun tasumaayyuu rakkoon biyya kana keessa jiru daran babal’atee biyyi kun akka burjaajoftuuf haala mijeessuu wajjin wal-hin caalu. Murtoon H.RES.128 maqaa jedhuun birmadummaa biyya kanaa gaaffii jala galchuuf yeroo amma kanatti darbuun isaa walitti dhufeenya Amerikaa fi biyyya kanaa kan yeroo dheeraa laaffisuu irra darbeeyyuu haala gaanfa Afrikaa giddu galeessa kan hin godhanneef hojii maal na dhibdee dhaan hojjatamee dha. Waan nama dhibu murtoon sun akka murtaa’een weebsaayitootaa fi Miidiyalee hawaasa gara garaa irratti maxxanfamanii turan. Akkuma beekamu murtoo sana irratti abbaan barbaade yaada isaa kennuu danda’a ture. Yaadawwan achirratti kennaman lammileen biyya kanaa biyya kana jaalatanis ta’e, lammileen biyya alaa yaadi isaan diyaaspoorota warra dhiibbaa geessisuun murtoon kun akka darnbu godhan irratti yaadi isaan kennan baay’ee na ajaa’ibsiise. Isaan keessa muraasa isaa gaditti dubbisaa “Itiyoophiyaan biyya of-dandeessee jirtuu fi rakkoowwan keessoo ishee hiikkachuu osoo dandeessuu, qaamni biraan rakkoo kana naaf hiika jechuun birmadummaa biyya isaanii balaa irra buusuun booda sirbuun diyaasporota kanneenii nama qaanessa” kan jedhanii fi kkf hedduun achi jalatti tarreeffamanii jiru.
Full Website